Tumsi haaraan michummaa Itiyoophiyaan Baankii Addunyaa waliin qabdu caalmaatti bu’aa qabaachisa – obbo Ahimad Shidee
Finfinnee, Amajjii 26, 2018 (FMC) – Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee hammattoon tumsa Baankii Addunyaa haaraan michummaa Itiyoophiyaan baankicha waliin qabdu caalmaatti bu’aa qabaachisa jedhan.
Ministirichi pirezidaantii itti aanaa Baankii Addunyaa Gaaliinaa Viinseleet waliin mari’ataniiru.
Itiyoophiyaa fi Baankiin Addunyaa haala michummaa tarsiimawaa qaban itti cimsan, dameelee fooyya’iinsa dinagdeen dursi kennamuu fi dhimmoota tumsa gara fuula duraa qaamolee lamaanii misooma Itiyoophiyaan walsimsiisuun danda’amu irratti mari’ataniiru.
Obbo Ahimad Shideen wayita kana akka dubbatanitti, dameeleen irra jireessaan filataman fi tarsiimoon Baankii Addunyaa bu’aa irratti xiyyeeffatu michummaa Itiyoophiyaan Baankii Addunyaa waliin qabdu bu’aa kan qabaachisuu dha.
Gaaliinaa Viinseleet gama isaaniin hojiiwwan mootummaan Itoophiyaa fooyya’iinsa dinagdee fi bulchiinsa dinagdeen hojjete jajanii, murannoo baankichi michummaa isaa cimsuuf qabu irra deebiin mirkaneessaniiru.
Qaamoleen lamaanuu hammattoo michummaa Baankii Addunyaa waliin qopheessuun barbaachisaa akka ta’e waliigaluu isaanii Ministeerri Maallaqaa beeksiseera.
#Oromia #Ethiopia