Turiistoota Naannoo Oromiyaa daawwatanirraa galiin Birriin biiliyoonni 36 argame – BATO
Finfinnee, Caamsaa 8, 2017(FMC) -Baatiwwan saglan darban Tuuriistoota alaa fi keessaa Bakkeewwan hawwata Tuuriizimii Naannoo Oromiyaa daawwatan irraa galiin Birriin biiliyoona 36 argamuu Biiroon Aadaa fi Tuurizimii naannichaa ibse.
Bakkeewwan hawwata tuurizimii naannoon Oromiyaa Uumamaan qabdurratti hojiin Sona dabaluu hojjetamuu hordofee hawwatummaan isaanii dabalaa jiraachuu Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaatti Daayrektarri Misoomaa fi Piroomooshinii obbo Faantaahuun Taaddasaan Faanaa Diijitaaliif himaniiru.
Hawwatummaa bakkeewwan hawwata tuurizimii Naannoo Oromiyaa dabaluuf hojiileen adda addaa hojjetamaa jiraachuu obbo Faantahuun ibsaniiru.
Waggoottan darban xiyyeeffannoo mootummaan damee tuurizimiif kenneen biirichi iddoowwan hawwata tuurizimii Oromiyaan uumamaan qabdurratti hojii sona dabaluu hojjeateen, galii damicharra argamuu dabaluu kaasaniiru.
kanaanis damee Ikkoo Tuurizimiin bu’aa jajjabbeessan argamuu dubbataniiru.
Waggoottan lamaan darban bakkeewwan ikkoo Tuurizimii 18 adda baasuu hojiileen qorannoo bu’uuraalee misoomaa fi kanneen biroo hojjetamaa jiru jedhan.
Ulaawwan Oromiyaa hunda keessatti haala walfakkaatuun bakkeewwan hawwata tuurizimiitti hojiin bu’uuraalee misoomaa barbaachiisoo guutuu xiyyeefffaannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Qabeenyi naannichi qabdu hedduu ta’uu ibsuun, yeroo ammaa midhaagina uumamaan jirurrattii hojii sonaa dabaluu hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Aanaalee 193 kessatti hojiin haala mijjeessuu hojjetamuu kaasaniiru.
Yaa’iinsi Tuuristii naannoo Oromiyaa yeroo gara yerootti sadarkaa Olaanaan dabalaa dhufuus himaniiru.
Baatiwwan saglan darban tuuristoonni biyya keessaa miiliyoonni 12. 5 fi kan biyya alaa kumni 100 fi kumni 75 ol bakkeewwan hawwata Tuurizimii naannoo Oromiyaa daawwachuu obbo Faantaahuun ibsaniiru.
Tsahaay Gulummaatu gabaase.