Turki xiyyaarota waraanaa ‘C-130’ balalliirraa dhorkite
Finfinnee, Sadaasa 4, 2018(FMC) – Balaa xiyyaara waraanaa Joorjiyaatti mudate hordofee Turkiin xiyyaarota waraanaa ‘C-130’ balalliirraa dhorkite.
Xiyyaarri qabeenya Humna Qilleensaa Turkii ta’e kun tibbana Azerbaajaan irra ka’ee gara Turkiitti osoo balali’uu kufuun lubbuun namoota 20 darbuun kan yaadatamudha.
Pirezidaantiin Turkii Rasiib Xaayib Erdoohaan hojiin caccaba xiyyaarichaa deebisuufi ka’umsa balichaa adda baasuu hojjetamaa akka jiru ibsanii turan.
Balaa kana hordofee guyyaa har’aa biyyattiin xiyyaarota waraanaa ishee ‘C-130’ guutummaatti balalliirraa dhorkuu Ministeerri Ittisaa biyyattii beeksiseera.
Ka’umsi balichaa hanga ammaatti kan hin beekamne ta’uu eeruun, gareen qorattootaa sababa balichaa qoratu qorannoo bal’aa erga taasiseen booda kan ifoomsu ta’uu ibseera.
Garichi ragaalee balalliifi waraabbiiwwan sagalee gara Ankaaraa geeffaman qorachaa jiraachuus ifoomseera.
Guyyaa har’aa reeffi namoota balichaan lubbuun isaanii darbee gara Turkiitti deebi’uus ibseera.
Yoonaas Geetinnatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.