Turtiin Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Xaaliyaanitti taasisan milkaa’aa ture – Obbo Ahimad Shiidee
Finfinnee, Caamsaa 19, 2017 (FMC) – Turtiin Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Xaaliyaanitti taasisan milkaa’aa ture jedhan Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen.
Turtii isaaniin hariiroo waloo cimsuuf waliigalteerra gahamuu kaasaniiru.
Obbo Ahimad Shiideen marii Dooktar Abiy Ahimad gita isaanii Xaaliyaanii Jiyoorjiyaa Meelonii waliin godhan ilaalchisee ibsa kennaniiru.
Michummaan hoggantoota biyyoota lamaanii gidduu jiru hariiroo waloo sadarkaa caalutti kan ceesise ta’uu eeraniiru.
Deeggarsi Xaaliyaaniin riifoormii misooma Diinagdee akkasumas tumsi faayinaansii misooma damee Inarjii Itiyoophiyaaf taasiiftu cimee itti fufuu obbo Ahimad Shiideen dubbataniiru.
Akka fakkeenyaatti waggoottaan muraasa darban waliigalteen deeggarsa Yuuroo miiliyoona 200 fi miiliyoona 60 biyyoota lameen gidduutti godhamuu eeraniiru.
Ministirri Muummee Xaaliyaanii Jiyoorjiyaa Meelooniin abbootiin qabeenyaa biyyattii carraa Riifoormiin Diinagdee Itiyoophiyaa uumeetti akka fayyadaman kan jajjabeessan ta’uu mirkaneessaniiru jedhan.
Gama biroon Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Hangafa Phaaphaasii Kaatoolikii Roomaa eebbifamoo Liyoo 14ffaa waliin nageenyaa fi misooma barnootarratti marii bu’aa qabeessa taasisuu eeraniiru.
Hayilamaariyaam Taganyitu gabaase.
#Oromia #Ethiopia