Tuurizimii Konfiransii guddachaa dhufe…
Finfinnee, Bitootessa 23, 2018(FMC)- Tuurizimin Konfiransii guddachaa dhufe waltajjiiwwan dippiloomaasiifi daldalaan Itiyoophiyaa Afrikaarraa filatamtuu taasisaa jira.
Hojiilee riifoormiifi ijaarsa bu’uuraalee misoomaa hojjetaman hordofee dadammaqiinsi damichaa guddina hunda galeessa Itiyoophiyaarratti dhiibbaa gaarii uumeera.
Haaluma Kanaan Finfinneen waltajjii tuurizimii konfiransii idil-addunyaan filatamtuu ta’uu dandeesseetti.
Pirojektoonni gurguddoon kanneen akka Giddugala Konveenshinii Idil-addunyaa Finfinnee, Paarkii Michummaa, Yaadannoo Injifannoo Adwaafi Godambaan Saayinsii qophaa’ummaa magaalattiin waltajjiiwwan idil-addunyaaf qabdu warreen mirkaneessanidha.
Waldaan Kongiransiifi Konfiransii Idil-addunyaas Finfinneen Giddugalawwan walga’ii hirmaattota hedduu keessummeessuu danda’an misoomsuun taateewwan ardiifi idil-addunyaa gahumsaan keessummeessaa jiraachuu ragaa baheera.
Tuurizimiin Konfiransii gara magaalota naannoleettis babal’achuun magaalonni akka Adaamaa, Baahir Daar, Aarbaa Minci, Dirre Dhawaa, Jimmaafi Hawaasaa galmawwan walga’ii ammayyaa ijaaruun fi indaastirii hoteelaan dorgomtoota akka ta’aniif haala mijeesseera.
Hoteelonni babal’achuunis magaalonni naannolee walga’iiwwan biyyaalessaafi naannawaa gahumsaan akka keessummeessaniif carraa uumuun, yaa’iinsi tuuristii gara kutaalee biyyattii garaagaraatti babal’isuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneesseera.
Tuurizimiin konfiransii sharafa alaa argamsiisuufi carraa hojii uumuu keessattis bu’aa jajjabeessaa galmeessisuu Ministeerri Tuurizimii ibseera.
Imala Itiyoophiyaa Afrikaarraa Giddugala ga’umsa daldalaafi tuurizimii gochuuf eegalame milkeessuu keessatti qooda olaanaa qaba.
#Oromia #Ethiopia