Tuutni Gadaa Michillee walannaasaa Halchiisaaf Gooba kenne
Finfinnee, Mudde 27, 2018 (FMC) – Tuutni Gadaa Michillee walannaasaa Halchiisaaf Gooba kenneera.
Sirni Gadaa Oromoo aangoo karaa nagayaatiin walii dabarsuu qofa osoo hin ta’in aangoo wal shaakalsiisuun hawaasni karaa guutuu ta’een akka bulu kan taasisuudha.
Sirna Gadaa Karrayyuuttis Gadaan Baallii harkaa qabu tokko waggaa jahaaf erga bulchee booda Gadaa itti aanu shaakalchiisuuf walannaasaaf Gooba/Irreessa kennee aangoo qooda.
Guyyaa har’aas Gadaa Karrayyuutti tuutni Gadaa Michillee Gabalaan Baasoo ardaa jilaa Tarree Leediitti godaansarra ture buttaa qaluun walannaasaa Halchiisaaf Gooba/Irreessa kenneera.
Tuutni Gadaa Michillee Gabalaan Baasoo sirna kana gaggeessuuf guyyootaaf ardaa jilaa Tarree Leedii qubatee ture sirnoota aadaa hunda walduraa duuban raawwachuun buttaa qaluun walannaasaa Gadaa Halchiisaaf Gooba/Irreessa kenneera.
Tuutni Gadaa Halchiisaa har’a Gooba/Irreessa fudhates waggoota lamaan dhufan shaakaluun waggaa lama booda guutummaatti Baallii gadoomaa fudhachuun hawaasa kan tajaajilu ta’uu ragaan BKO ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.