Ulaa Hoormuuz bansiisuuf humni filmaata hin ta’u- Imaanu’eel Maakroon
Finfinnee, Bitootessa 24, 2018 (FMC) – Ulaa Hoormuuz bansiisuuf humna fayyadamuun filmaata hin ta’u jedhan Pirezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon.
Pirezidaanti Imaanu’eel Maakroon kana kan jedhan Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp biyyoonni meseensa NATO waraana Ameerikaa-Israa’el fi Iraan adeemsifamaa jiruun Ameerikaa deeggaruuf fedhiin hin qaban jechuun qeequu hordofeeti.
Pirezidaanti Imaanu’eel Maakroon deebii qeeqa Pirezidaanti Doonaald Tiraampiif kennaniin ulaa Hoormuuz bansiisuuf humna fayyadamuun filmaata akka hin taane eeruun, humna fayyadamuurra Iraan waliin mari’achuun barbaachisaadha jedhan.
Karoorri Doonaald Tiraamp humna waraanaa gara ulaa kanaatti dhiyaatu miisaa’eloota Iraaniif saaxiluurra darbee hiikkaa kan hin qabaanne ta’uus dubbatan.
Ulaan Hoormuuz ulaa boba’aan, xaa’oofi daldalli idil-addunyaa ittiin gaggeeffamu waan ta’eef mariidhaan banamuu akka qabu ibsaniiru.
Dooniwwan karaa ulaa kanaa bilisummaan akka darbaniif Faransaay Gamtaa Awurooppaafi biyyoota biroo waliin tumsaan hojjechaa jiraachuu ibsuusaanii Rooyitars gabaaseera.
Miikiyaas Ayyalaan.
#Oromia #Ethiopia