Ummanni Oromoo ijaarsa Hidha Guddichaa Haaromsaaf gumaacha olaanaa taasise – Abbootii Gadaa Oromoo
Finfinnee, Hagayya 4, 2017 (FMC)- Ummanni Oromoo ijaarsa Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaaf gumaacha olaanaa taasiseera jedhan Abbootiin Gadaa Oromoo.
Ijaarsi isaa xumuramuun eebbaaf qophaa’aa kan jiru Hidhi Guddichi Haaromsaa Itiyoophiyaa bu’aa dhamaatii ummattootaati jedhan Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobanaa Hoolaan.
Hidha Haaromsaaf ummanni Itiyoophiyaa amantiin, gosaan , qabaachuu fi dhabuun osoo wal hin qoodiin waan qabaniin ijaaraniiru jedhan.
Kana keessatti hirmaanaan ummataa oromoo olaanaa ta’uu dubbataniiru.
Itiyoophiyaan Gaanfa Afrikaatti biyya sodaatamtuudha kan jedhan Abbaan Gadaa Goobanaa Hoolaa, hidhichi xumuramee eebbifamuun immoo birmaadummaa ishee caalmaatti mirkaneessa jedhan.
Akkasumas biyyattiif boqonnaa haaraa bana jechuun ibsaniiru.
Xumuramee eebbaaf qophaa’uun Hidhichaa ifaajjii ummattoota Itiyoophiyaa kan mul’isuu fi dandeettii ofiin asiin gahuun haamilee isaanii kan guddisudha kan jedhan ammoo Abbaa Gadaa Rattaa Yaa’ii Boruuti.
Wayita eebbifamuun hojii eegalu diinagdeen biyyattii daran guddatas jedhan.
Abbaan Gadaa Oromoo Maccaa Warqinaa Tarreessaa gamasaaniin, eebbaaf qophaa’uun Hidha Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaa dhaaloota mataa olqabachiisuu ibsan.
Ijaarsi isaa xumuramuun eebbifamuuf kan jiru Hidhi Guddichi Haaromsaa Itiyoophiyaa tokkummaa fi cichoomina ummataa kan calaqqisiisedha.
Hidhichi injifannoo fi seenaa boonsaa dhaloota dhufu ta’uu ibsuun, Itiyoophiyaanoonni wal tumsuun yoo waloon ka’an raajii kana caaluu hojjechuu danda’u jedhan.
Abbaan Gadaa Afran Qal’oo Ahmaddiin Muktaar, hidhichi xumuramee eebbaaf ga’uun jijjiirama biyyaaf utubaa ta’uu fi miira gammachuu olaanaa fidee akka dhufu eeran.
Injifannoo birmadummaa Itiyoophiyaa ta’uus dubbatan.
Faayidaan inni fidee dhufuus olaanaa ta’uu ibsuun, warshaaleen guguddoo biyyatiitti akka ijaaraman taasisuun carraa hojii bal’aa dargaggootaaf uumaa jedhan.
Hidhicharraa abdii guddaa qabaachuus kaasaniiru.
Tsahaay Gulummaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana