Fana: At a Speed of Life!

Utubaawwan dinagdee mandhalee guddisuuf ittifayyadama hubannoo namtolchee cimsuu barbaachisa

Finfinnee, Caamsaa 20, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaatti hubannoo namtolcheetti fayyadamuun guddina dameelee utubaawwan dinagdee mandhalee ariifachiisuun bu’aa guddaa akka qabu hayyoonni hubachiisan.

Qorataan dinagdee Dooktar Qosxnaxiinoos Barihatasfaa akka jedhanitti, hubannoon namtolchee dorgomtummaan gabaa sadarkaa addunyaatti qabnu akka guddatuuf gargaara.
Itiyoophiyaan haala addunyaan keessa jirtu daftee akka seentuuf fayyadas jedhan.

Instiitiyuutii Hubanoo Namtolchee Itiyoophiyaatti qorataa kan ta’an Sa’iid Isaa agama isaaniin, hojiiwwan hubannoo namtolchee dijiitaalawaa bu’ureffatan hojjetamuun hojimaatonni tekinooloojiin deggeramanii fi daldalawwan istaartaappii eegaluuf akka garagaarus ibsaniiru.

Haaluma kanaan leenjiin kooderoota kuma shanii Itiyoophiyaatti eegalame jabaachuu akka qabu hayyoonni kunniin gorsanii, biyyoonni garagaraa leenjii kanaan fayyadamanii milkaa’uu eeraniiru.

Tsaggaayee Nigustu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.