Uummani Oromoo fi Gumuuz uummata ijaarsa biyyaa keessatti gahee olaanaa bahachaa turanii fi jiraniidha
Finfinnee, Onkololeessa 19, 2018 (FMC) – Mariin walitti dhufeenya Mootummootaa fi ummattoota naannolee Oromiyaafi Beenishaangul Gumuuz cimsu Magaalaa Naqamteetti taa’ame.
Hariiroo keenya caalmaatti cimsuun misoomaa fi guddinaa biyya irratti waliin hojjenna jedhan hirmaattonni marichaa.
Walitti dhufeenya ummattoota naannolee lamaanii caalmaatti cimsuun misoomaafi nageenya cimsuu ta’uu, Hogganaan Waajjira Qindeessaa Nageenyaa fi Misooma Waloo Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Beenishangul-Gumuziifi Gambeellaa obbo Firoomsaa Solomoon Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniif himaniiru.
Marii kanarratti bakka buutonni Aanaalee godina Wallagga Bahaa, Godina Wallagga Lixaa fi Naannoo Beenishaangul-Gumuzirraa dhufan hirmataniiru.
Galaanaa Tasfaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia