Uummanni qaamolee odeeffannoo sobaan jeequmsa uumuuf yaalaniin shororkaa’uu hin qabu- Mahaammad Idiriis
Finfinnee, Caamsaa 26, 2017(FMC) – Uummanni odeeffannoo sobaa qaamoleen nageenya Itiyoophiyaa hin barbaanne tamsaasaniin shororkaa’uu akka hin qabne Ministirri Ministeera Nagaa Mahaammad Idiriis hubachiisan.
Ministirichi dhimma waqtaawaa biyyaalessaarratti ibsa kennaniin, Itiyoophiyaa bakkeewwan hundatti nageenya amansiisaa mirkaneessuuf hojiileen bu’a qabeessi hojjetamaa jiru jedhan.
Akka fakkeenyaatti waliigaltee piriitooriyaan booda haalli nageenyaa naannoo Tigraay fooyya’uu kaasanii, naannichatti hojii baruufi barsiisuu dabalatee sochiileen idilee karaa nagaa ta’een itti fufuu ibsaniiru.
Naannoo Amaaraattis haala waggoota lamaan dura ture caalaa nageenyi fooyya’aan jiraachuufi godinaaleefi magaalota godinaalee naannichaa 22’n keessa nageenyi jiraachuu eeraniiru.
Naannichi bal’ina qabaachurraan kan ka’e qaamoleen jeequmsa uumuu barbaadan jiraatanis dhiibbaa uumuu akka hin dandeenye himaniiru.
Nageenya argameefis shoorri caasaa nageenyaa naannichaafi hawaasaa olaanaa ta’uu ibsaniiru.
Haaluma walfakkaatuun naannoon Oromiyaas sochii nageenyaa keessa jiraachuu kaasaniiru.
Walumaagala naannolee hundaafi bulchiinsa magaalotaa keessatti nageenyi uumamuu, yeroo itti aanutti nageenya argame itichuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhan.
Humnoonni nageenya Itiyoophiyaa hin barbaadne odeeffannoo sobaa tamsaasuun jeequmsa uumuuf wayita yaalan kan mul’atu ta’uu eeruun, hawaasni odeeffannoo sobaa qaamolee kanneen shororkaa’uu akka hin qabne hubachiisaniiru.