Fana: At a Speed of Life!

Uwwisa filannoo marsaa 7ffaa bal’isuuf hojiin teeknooloojiin deeggarame hojjetamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2017 (FMC) –Uwwisa filannoo marsaa 7ffaa bal’isuuf hojiin teeknooloojiin deeggarame hojjetamaa jira jedhe Boordiin Filannoo Biyyaalessaa.

Dhaabbileen dimokiraasii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf itti waamama qaban hojii riifoormii isaanii ilaalchisee waltajjii marii waloo gaggeessaa jiru.

Boordichi itti gaafatamummaa mootummaa fi Ummaataan itti kenname sirnaan bahuuf hanqinoota turan adda baasuun furmaata isaaf hojjetaa tureera jedhan Walitti Qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Meelaatawarqi Hayiluun waltajjicharratti kaasaniiru.

Filannoon marsaa 7ffaa bilisa, walabaa fi amanamaa akka ta’u hojiin Teeknooloojiin deeggarame hojjetamaa jira jedhan.

Galmee Kaadhamamtootaa fi filattootaa gaggeeffamuuf Teeknooloojiin adeemsa kana gaggeessuuf oolu amanamaa ta’e ogeeyyii boordiitiin gabbachuu hubachiisan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.