Uwwisa tajaajila Fayyaa guddisuuf gahee damee dhuunfaa…
Finfinnee, Guraandhala 2, 2018 (FMC) – Bulchiisa magaalaa Shaggaritti kenna tajaajila fayyaa waliingahuuf hirmaannaa abbootii qabeenyaa guddisuuf hojjetamaa jira jedhe Waajjirri Fayyaa magaalichaa.
Hundeeffama magaalaa Shaggariin booda hojiin dhaabbilee fayyaa babal’isuu xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu Itti Aanaan Waajjira Fayyaa Magaalaa Shaggarii fi Itti Gaafamaan Damee Meedikaalaa obbo Misgaanaa Dheereessaan Faanaa Diijitaalitti himaniiru.
Kanaan dura buufanni fayyaa 25 ture amma 35tti olguddachuu fi Hospitaalli goonkuma hin turre amma 3 hojii eegaluu fi guddaan tokko ammoo Birrii biiliyoona 4 oliin ijaaramaa jiraachuu dubbatan.
Hanqina dhiyeessii qorichaalee furuufis manneen qorichaa modeela hawaasaa 32 banamuu himan.
Magaalaa Shaggaritti dhaabbileen fayyaa dhuunfaa hedduun kenna tajaajila fayyaarratti bobba’uu kan eeran, obbo Misgaanaan, yeroo ammaa dhaabbileen fayyaa akaakuu adda addaa fi sadarkaa garaagaraa 840 kenna tajaajila fayyaarratti bobba’anii argamu jedhan.
Dhaabbileen kunneenis uwwisa tajaajila fayyaa guddisuu keessatti gahee olaanaa bahachuu ibsan.
Dhaabbileen kunneen akkaataa qajeelfamaa fi dambii bulchiinsi magaalichaa baaseen hawaasaaf tajaajila barbaadamu akka kennan hojiin deeggarsaa fi hordoffii itti fufiinsa qabu taasifamaa jira jedhan obbo Misgaanaan.
Kaaba Shaggaritti Hospitaala dhuunfaa jalqabaa fi Ispeeshaalistootaa fi Gariin Ispeeshaalistootaa 30 oliin kan hundaa’e Hospitaalli Naayil Seencharii isa tokkoodha.
Kutaa Magaalaa Mana Abbichuu Aanaa Tufaa Muunaatti kan argamu Hospitaalli Naayiil Seenchariin tajaajilaa yaala hunda galeessaa, yaala baqaqsanii yaaluu salphaa hanga guddaatti meeshaalaa yaalaa daran ammayyaa fi diijitaalawaa ta’aniin hawaasa naannawaaf tajaajila kennaa jira.
Hospitaalli Naayiil Seenchariin baatiwwan sadan darban keessa qofa kutaalee hawaasaa harka qalleeyyii ta’an 300 oliif yaala guutuu bilisaan kennuun aantummaa hawaasaaf qabu qabatamaan agarsiisuu Hojii Gaggeessaa Olaanaan Hospitaalichaa fi Ispeeshaalistiin dhibee tasaa fi cimaa Dooktar Fiqiruu Baqqalaan dubbataniiru.
Hospitaalli Naayiil Seencharii ogeeyyii yaala fayyaa hawaasa ofii tajaajiluuf miira aantummaa olaanaa qabaniin tajaajila fayyaa guutuu gatii madaallawaan kennaa jiraachuu ibsan Dooktar Fiqiruun.
Hospitaalli kun jiraattoota Kutaa Magaalaa Mana Abbichuu fi Sulultaa dabalatee jiraattoota Shawaa Kaabarraa dhufaniif tajaajila yaala fayyaa kennaa jira.
Tajaajila Yaala fayyaa guutuu ta’e gatii madaallawaan Hospitaala Naayiil Seenchariitti argachuun keenya dhamaatii fi baasii dabalataarraa nu oolcheera jedhan kutaaleen hawaasaa Hospitaalichatti tajaajilaman.
Dhaabbileen Fayyaa dhuunfaa Shaggar keessa jiran % 90 ol akkaataa qajeelfamaan hojjetaa jiraachuu fi kanneen namuusa ogummaa hin eegnee fi daballii gatii humnaa olii taasisanirratti ammoo tarkaanfiin seeraa fudhatamaa jiraachuu dubbatan obbo Misgaanaa Dheereessaan.
Kanaanis dhaabbilee fayyaa dhuunfaa 107 ol ta’anirratti tarkaanfiin seeraa fudhatamuu ibsan.
Siifan Magarsaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.