Fana: At a Speed of Life!

Vaayirasii Maarbarg to’achuuf qindoominaan hojjetamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 12, 2018(FMC)- Pirezidaantiin Naannoo Kibbaa Itiyoophiyaa obbo Xilaahun Kabbadaan vaayirasii Maarbarg ittisuufi to’achuuf Ministeera Fayyaa waliin qindoominaan hojjetamaa jira jedhan.

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaafi Pirezidaantiin naannichaa obbo Xilaahun Kabbadaan Hospitaala Jiinkaatti argamuun hojiilee ittisaafi hordoffii dhukkubichaa daawwataniiru.

Obbo Xilaahun Kabbadaan wayita kana tatamsa’ina dhukkubichaa to’achuufi miidhaa dabalataa akka hin qaqqabsiifneef giddugalli deebii hatattamaa kennuu magaalaa Jiinkaatti hundaa’eera jedhan.

Ministeerri Fayyaa mootummaa naannichaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa jiraachuu ibsuun, Ministeerichi dhukkubicha qorannoon adda baasuuf laaboraatoorii bakkaa bakkatti socho’u dabalatee meeshaalee garaagaraa deeggaruu eeraniiru.

Hawaasni karaalee dhukkubichi ittiin daddarbu hubachuun ofeeggannoo barbaachisaa akka taasisu dhaamaniiru.

Dooktar Maqdas Dhaabaa gama isaaniin, akkuma dhukkubichi mudateen gareen deebii hatattamaa hundaa’uun gara iddoo dhukkubichi mudateetti imaluun hojii eegaluu yaadachiisaniiru.

Ministeerichi Hospitaala Jiinkaaf deeggarsa meeshaalee vaayirasii Maarbarg fi kanneen biroo wal’aanuuf tajaajilan kennuus ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo mara nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.