Veetnaamitti bidiruun garagaluun lubbuun namoota 37 darbe
Finfinnee, Adoolessa 13,2017 (FMC)- Veetnaam Haa Loong Beeyitti bidiruun tuuristootaa garagaluun lubbuun namoota 37 darbuun gabaafame.
Balaa Kanaan namoonni muraasni achi buuteen isaanii dhabamuus BBCn gabaaseera.
Imaltooonni hedduun lammiilee biyyattii magaalaa guddoo biyyattii Haanooy irraa bashannanaaf garasitti imalan ta’uun ibsameera.
Hojii lubbuu baraaruu hojjetameen namoonni 11 bishaan keessaa kan baafaman yoo ta’u,roobni cimaan naannawichatti roobaa jiru hojii kanatti danqaa ta’eera jedhame.
Bidiruun kun namoota 53 fe’attee imalaa kan turte ta’uufi dhaha galaanaan garagaluu Eegdonni Daangaafi Humni Galaanarraa biyyattii mirkaneessaniiru.
Wandimmaaganyi Tsaggaayeen.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.