Waa’ee dhibee Daranyoo Sombaa:-
Dhukkubni daranyoo sombaa dhukkuba daddarbaa baakteeriyaan dhufuudha.
Dhibeen kun irra caalaa sombaa namaa miidha.
Mallattoolee dhibichaa :-
✓ Qufaa torban lamaa ol namarra ture
✓Ho’a qaamaa
✓ Halkan halkan nama dafqisiisuu
✓Ulfaatinni qaamaa hir’achuu
✓ Miira dadhabbiifi fedhii nyaataa dhabuu
Karaalee dhibichi namatti daddarbu:-
✓ Yeroo namni dhukkubicha qabu qufa’uu karaa qilleensa nama biraatti daddarba.
✓Aannaan beeyladaa osoo hin danfisin dhuguu fa’iini.
Haa ta’uutii dhibeen kun:-
✓Nagaa wal gaafachuun
✓Uffata walii uffachuun
✓Waliin nyaachuun hin daddarbu jedhame.
✓Daa’imman waggaa 5 gadi
✓Maanguddoonni waggaa 64 oli
✓Namoonni HIV/AIDS waliin jiraatan
✓Namoonni dhukkubsataa Tiibii waliin jiraatan caalmaatti dhibichaaf saaxilamoodha jedhe Biiroon Fayyaa Oromiyaa.
Maloota Ittisaa:-
✓Mallattoolee asiin olitti jedhame yoo ofirratti ykn maatii irratti mul’ate saffisaan mana yaalaa deemuu.
✓Qoricha ogeeyyiin fayyaa nuuf ajajame guutumaan guututti fudhachuu
✓Yeroo qufaanu ciqilee keenyan Afaan cufachuu
✓Yeroo qufaanu akkee bakkeetti tufuu dhiisuu
✓Kutaa jiraannu keessa qilleensi gahaan akka galu taasisuu.
✓Nyaata madaalamaa nyaachuu
✓Tamboo xuuxuu fi alkoolii dhuguu dhiisuu
Maatiin dhukkubsataa maal gochuu qaba?
✓Qoricha akka adda hin kutne hordofuu
✓Nama mallattoo asii olii kana qaban qorachiisuu
✓Manni jireenyaa keenya qilleensa gahaa akka qabaatu taasisuu.
#Oromia #Ethiopia