Waajjirichi bu’aalee teeknooloojii ammayyaa qabiinsa odeeffannoof gargaaran tajaajila eegalchiise
Finfinnee, Caamsaa 2, 2017(FMC) – Waajjirri Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Finfinnee bu’aalee teeknooloojii ammayyaa qabiinsa odeeffannoof gargaaran tajaajila eegalchiise.
Waajjirichi sirna bulchiinsa humna namaafi qabeenyaa walsimsiisuuf ERP, galma konfiransii diijitaalaa fi giddugala odeeffannoo eebbisiiseera.
Sadarkaa Ministiraatti Ittigaafatamaan Damee Gurmaa’iinsaa Paartii Badhaadhinaa obbo Fiqaaduu Tasammaan saganticharratti akka jedhanitti, sirna hojiimaataa paartichaa teeknooloojiin ammayyeessuun guddugala muuxannoo ta’uusaa mirkaneessuufi badhaadhina hunda galeessa dhugoomsuuf gahee olaanaa qaba.
Bu’aalee dameewwan biroon galmaa’aa jiran damee teeknooloojiinis dabaluun imala diijitaal Itiyoophiyaa hogganuuf akka gargaarus eeraniiru.
Ittigaafatamaan Waajjirichaa obbo Mogas Baalchaan gamasaaniin, hojiin magaalaa Finfinnee fakkeenya badhaadhinaa gochuu cimee kan itti fufu ta’uu kaasaniiru.
Miikiyaas Alamuutu gabaase.