Fana: At a Speed of Life!

Waajjirri Ministira Muummee tajaajila tola ooltummaa gannaa eegalchiise

Finfinnee, Adoolessa 5, 2017(FMC) – Waajjirri Ministira Muummee dhaabbilee waamamtoo waliin ta’uun tajaajila tola ooltummaa gannaa eegalchiise.

Sagantaan eegalchiisa tajaajila tola ooltummaa kun Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Godina Guraagee Aanaa Abishiigeetti gaggeeffamaa jira.

Saganticharratti Hoggantuu Waajjira Ministira Muummeefi Ministira Dhimmoota Kaabinee aadde Alamtsahaay Phaawuloosiifi hoggantoonni olaanoon mootummaa argamaniiru.

Hojiin haaromsa manneen namoota harka qalleeyyiifi dhaabbiin biqiltuu Ashaaraa Magariisaas gaggeeffamaa jira.

Dabalataanis ijaarsa mana barumsaa idileen duraa, ijaarsa manneen namoota harka qalleeyyiifi qaama inisheetiivii Itiyoophiyaa qulqulleettii kan ta’e ijaarsa mana fincaanii eegalchiisaniiru.

Hoggantoonni kunneen hojiilee misoomaa godinichatti hojjetamaa jiranis daawwataniiru.

Ashannaafii Shibbiruutu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.