Waaliyaawwan har’a Seeraaliyoon waliin taphatu
Finfinnee, Qaammee 4, 2017(FMC) – Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Itiyoophiyaa har’a gita isaa Seeraaliyoon waliin tapha gullaallii Waancaa Addunyaa marsaa 8ffaa ni taphata.
Falmiin har’a waaree booda sa’aatii 10:00 eegalee taphatamu kun ni eegama.
Tapha hanga ammaatti taphatameen Gareen Kubbaa Miilaa Seeraaliyoon qabxii 9 walitti qabachuun sadarkaa 4ffaarratti kan argamu yoo ta’u, waaliyaawwan ammoo qabxii 6’n sadarkaa 5ffaa qabatanii jiru.