Fana: At a Speed of Life!

Waamicha Dhaabuun Bayyanachuu Itiyoophiyaa

Finfinnee, Adoolessa 22, 2017 (FMC) – Dhaabuun Bayyanachuu Itiyoophiyaaf haa hiriirru jechuun Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa Waamicha Biyyaalessaa dhiyeesse.

Sagantaa Ashaaraa magariisaan badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf imalli eegalame biyya tasgabbeessuu fi dhaloota ijaaruun bu’aa jajjabeessaa galmeesseera.

Sagantichi kaka’umsa olaanaa uumuun, uwwisni bosonaa biyyattii saffisan akka dabalu taasisuu hime.

Raawwiin waggoottaan torban darban keessa galmaa’e imala badhaadhina Itiyoophiyaaf gumaacha olaanaa gochuurra darbee dhiibbaa uumtummaa naannawaa fi sadarkaa idil addunyaa guddisuu kaaseera.

Lammiileen Itiyoophiyaa umrii, koorniyaa, sabaa, amantaa fi kanneen biroon osoo walhin qoodiin hirmaannaa raajii taasisuu hime.

Ummanni adeemsa dhaabuu qofa osoo hin taane kunuunsee guddisuun bu’aalee hunda galeessi akka galmaa’u qooda isaa bahuu ibse tajaajilichi.

Walummaa fi tokkummaan yoo hojjenne hojiilee gaarii raawwachuu akka dandeenyu agarsiiftuu akka ta’e kaase.

Waggoottan jahan darban keessa hirmaannaa ummataa olaanaa ta’een Biqilaan biiliyoonni 40 ol dhaabbachuu fi bara kanas biiliyoona 7.5 dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa akka jiru dubbate.

Adooleessa 24, 2017 guyyaa tokkotti biqilaa miiliyoona 700 dhaabuun karoora bara kanaa milkeessuu keessatti ashaaraa keenya haa keenyu jechuun waamicha dhiyeesseera.

Hirmaannaa ho’aa taasisuun ashaaraa dhaabuun bayyanachuu haa keenyu jedhe.

Kunis maqaa biyyaa ijaarurra darbee birmadummaa nyaataa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu hime.

Waamicha seena qabeessaa fi biyyoolessaaf qophaa’uu fi deebii kennuun badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuu fi mirkaneessuuf gumaacha nurraa eegamu haa baanu jechuun waamicha dhiyeesse.

Dhaabuun haa Bayyanannu!

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.