Waancaa Afrikaan har’a taphoonni mo’anii darbuu lama ni taphatamu
Finfinnee, Mudde 27, 2018 (FMC) – Waancaa Afrikaa 35ffaa qopheessummaa Moorokoon gaggeeffamaa jiruun har’a taphoonni mo’anii darbuu lama ni taphatamu.
Galgala sa’aatii 1:00 jalqabee Ijipti Beeniin waliin taphatti.
Biyyoonni lamaan kana dura taphoota 3 waliin kan taphatan yoo ta’u, sadanuu injifannoo Ijiptiin xumurame.
Halkan sa’atii 4:00 eegalee Naayijeeriyaan Moozaambiik waliin morkatti.
Gareewwan lamaan taphoota waliin taphatan 5 keessaa Naayijeeriyaan 4 yoo injifattu, tokko qabxii qoodataniiru.
Taphoonni mo’anii darbuu kun guyyaa boruu xumurama.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.