Fana: At a Speed of Life!

Waancaa Afrikaan har’a taphoonni mo’anii darbuu xumuraa lama ni taphatamu

Finfinnee, Mudde 28, 2018 (FMC) –Waancaa Afrikaa 35ffaa qopheessummaa Moorokoon taphatamaa jiruun har’a taphoonni mo’anii darbuu xumuraa lama ni taphatamu.

Galgala sa’aatii 1:00 eegalee morkiin Aljeeriyaan Riippaabliika Diimokiraatawaa Koongoo waliin taasiiftu ni eegama.

Biyyoonni lamaan taphoota 7 waliin taphatan keessaa Aljeeriyaan yeroo 3 yoo injifattu, taphoota 4 ammoo qabxii qooddataniiru.
Akkasuma halkan sa’aatii 4:00 irraa jalqabee Kootdivowaar Burkiinaa Faasoo waliin taphatti.

Biyyoonni lamaan taphoota waltajjiiwwan adda addaarratti waliin taphatan 10 keessaa Kootdivowaar yeroo 5 yoo injifattu, Burkiinaa Faasoon ammoo yeroo 2 injifachuun, si’a 3 qabxii qoodataniiru.

Taphoonni nuusa xumuraa Jimaata dhufu galgala sa’aatii 1:00 eegalee morkii Maalii fi Seeneegaal gidduutti taasifamuun eegalamu.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.