Waancaa Afrikaan har’a taphoonni ramaddii xumuraa 4 ni taphatamu
Finfinnee, Mudde 22, 2018 (FMC) – Waancaa Afrikaa 35ffaa qopheessummaa Moorokoon taphatamaa jiruun har’a taphoonni ramaddii xumuraa 4 ni taphatamu.
Har’a galgala sa’aatii 1:00 eegalee Ikkuwaatooriyaal Giiniin Aljeeriyaa, Sudaan ammoo Burkiinaa Faasoo waliin taphatu.
Halkan sa’aatii 4:00 jalqabee Gaaboon Kootidivowaar, Moozaambiik ammoo Kaameeruun waliin morkiin taasisan ni eegama.
Ikkuwaatooriyaal Giinii fi Gaaboon taphoota lamaan darban injifatamaniiru.
Boostuwaanan biyya qabxii tokkooyyuu osoo hin argatin morkicha keessaa gaggeeffamteedha.
Taphoonni ramaddii har’a kan xumuramu yoo ta’u, boqonnaa guyyoota lamaa booda Sanbata duraa taphoonni moo’anii darbuu ni eegalama.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.