Waancaa Kilaboota addunyaa tapha nuusa xumuraaf gahe
Finfinnee, Waxabajjii 27, 2017 (FMC) – Qopheessummaa Ameerikaan gaggeeffamaa kan jiru Waancaan Kilaboota addunyaa qabxiiwwan hin eegamne galmeessuun nuusa xumuraaf gaheera.
Bifa haaraan kilaboota 32 hirmaachisuun kan eegale dorgommiin Waancaa Kilaboota Addunyaa bara 2025, amma kilaboota 8 qofatu dorgommicha keessatti hafe.
Dorgommichaan haalaan eegamanii kan turan Maanchiister Siitii fi Intarmiilaan tapha mo’anii darbuu ce’uu hin dandeenye.
Taphni nuusa xumuraa har’a kan eegalamu yoo ta’u, halkan sa’aatii 4:00 eegalee Al Hilaal Filuumiineensee waliin taphata.
Kilabni Saa’uud Arabiyaa Al Hilaal Maanchiister Siitii injifachuun,Kilabni Biraaziil Filuumiineenseen ammoo Intermiilaan injifachuun tapha nuusa xumuraa kanaaf gahuun kan yaadatamuudha.
Taphoota biroon boru Paalmeeraas Cheelsii, PSGn Baayern Muunik, akkasumas Riyaal Maadiriid Boorishiyaa Doortimundi waliin taphatu.
Paalmeeraasii fi Cheelsii keessaa kan injifate Al Hilaal fi Filuumiineensee keessaa kan injifate waliin tapha walakkaa xumuraaf ni taphata.
PSG fi Baayern Muunik keessaa kan injifate ammoo Riyaal Maadiriidii fi Boorishiyaa Doortimundi keessa kan injifate waliin tapha walakkaa xumuraaf kan falmatu ta’a.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.