Waancaan Afrikaa Dilbata dhufuu eegalee Moorookootti taphatama
Finfinnee, Mudde 7, 2018 (FMC) – Waancaan Afrikaa 35ffaan Dilbata dhufuu eegalee Morookootti taphatama.
Bara 1957 Sudaan, Ijiptii fi Itiyoophiyaa qofa hirmaachisuun kan eegalame bara kana biyyoota 24 morkachiisa.
Waancaa Afrikaa 35ffaa kana Morookoo fi Naayijeeriyaan biyyoota tilmaama injifannoo olaanaa argataniidha.
Waancaa Afrikaa yeroo jalqabaaf bara kana Chaanaalii Ingiliiziin tamsaasa argata jedhame.
Urjiileen Piriimiyerliigii Ingiliiz Mohaammad Saalaa, Biraayyan Mbemoo, Amad Diyaaloo, Mazraoui, Omar Marmoush fi kanneen biroon ni eegamu.
Waancaan Afrikaa bara 2025 qopheessummaa biyya Kaaba Afrikaa, Morookootiin Dilbata dhufurraa eegalee torbeewwan afuriif gaggeeffama.
Taphni baniinsaa Morookoo, magaalaa Raabaat Istaadiyeemii mootii Moolaay Abdallaa kan daawwattoota kuma 69 ol qabatu keessatti Komoroos waliin taphatama.
Sudan,Ugaandaafi Tanzaaniyaan biyyoota baha Afrikaa bakka bu’uun hirmaataniidha.
Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa (CAF) dorgommii biyyoonni 24 irratti hirmaatan kanaaf murteessitoota taphicha hogganan ifoomseera.
Waltajjii guddaa ardichaatiif murteessitoonni 28 fi gargaartonni murteessitootaa 31 filatamaniiru.
Seenaa Kubbaa Miilaa Afrikaa keessatti Ijipti yeroo 7 Waancaa Afrikaa injifatte.
Kubbaan Waancaa Afrikaa 35ffaa ittin taphatamu “ITRI” maqaan jedhamu kan kennameef dhaabbata “Puma”tiin oomishame.
Kubbaa kana irratti aadaan Afrikaa fi Moorokoo callaqisiifamuuf yaalamuun eerameera.
Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni 9 waancaa kana qopheessuun waancicha hambifataniiru.
Ijipti yeroo 3 ofiif qopheessitee ofumaaf injifatte, Gaanaan yeroo 2 ofiif qopheessitee ofumaaf injifatte, Itiyoophiyaa, Sudaan, Naayijeeriyaa, Aljeeriyaa, Afrikaa Kibbaa, Tuuniziyaa fi Iyivoorii Koosti yeroo tokko tokko waancaa ofiif qopheessan ofumaaf hambifataniiru.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.