Fana: At a Speed of Life!

Wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf Biraazil fakkeenya gaariidha- Obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Caamsaa 13, 2017(FMC)- Tattaaffii Itiyoophiyaan wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf taasistuuf milkaa’inni Biraazil damee qonnaan galmeessiste fakkeenya gaarii ta’uu Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan ibsan.

Jilli obbo Tamasgeen Xurunaan durfamu Yaa’ii Wabii Nyaataa, Beela Dhabamsiisuufi Misooma Baadiyyaa Biraazil-Afrikaa 2ffaa cinaatti dhaabbilee damee qonnaa biyyatti bu’a qabeessa taasisan daawwataniiru.

Jilichi sochii hojii Dhaabbata Dhiyeessii Biyyaalessaa Biraazil kan daawwate yoo ta’u, hojimaanni dhaabbatichi sadarkaa oomishaa hanga gabaatti jiru ittiin hordofu muuxannoo gaariin kan irraa fudhatamu ta’uu obbo Tamasgeen eeraniiru.

Jilichi Korporeeshinii Qorannoo Qonnaa Biraazilis kan daawwate yoo ta’u, korporeeshinichi biyyee wal’aanuun, sanyii midhaanii oomisha olaanaa kennan dhiyeessuun oomishtummaa dabaluu keessatti gahee olaanaa bahaa jira jedhame.‎

‎Dabalataanis jilichi Waldaa Hojii Gamtaa namoota miiliyoona 1 fi kuma 500 ol dameewwan hojii garaagaraan fayyadamoo taasise daawwateera.

Itiyoophiyaafi Biraazil haala qilleensaa walfakkaataa qabaachuu ka‎n kaasan Obbo Tamasgeen Xurunaan, milkaa’inni Biraazil damichaan galmeessiste tattaaffii wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf taasisnuuf fakkeenya gaarii nuuf ta’a jedhaniiru.

Itiyoophiyaan qonna guddisuufi Sagantaa Ashaaraa Magariisaan hojiin qabeenya uumamaa wal’aanuuf hojjechaa jirtu Biraaziliin dinqisiifatamuu kaasaniiru.

Waliigaltee biyyoonni lameen gama Ejensii Tumsa Biraaziliin bulchiinsa bosonaafi Pirojektii Asiidummaa Biyyeerratti mallatteessan hojiirra jiraachuu yaadachiisaniiru.

Fireehiywoot Saffiiwutu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.