Wabii midhaan nyaataan of danda’uuf hojiileen hojjetamaa jiran Abdachiisoodha-obbo Awwaluu Abdii
Finfinnee, Hagayya 14, 2017 (FMC)- Pireezidaantii Itti aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin wabii midhaan nyaataan of danda’uuf hojiileen qulqulliinaan, baay’inaa fi aritiin hojjetamaa jiran abdachiisoodha jedhan.
Guddina dinagdee mirkaneessuuf mootummaan xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuus dubbataniiru.
Pireezidaantii Itti aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii fi hoggantoonni olaanoo biroon Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ejersa Lafootti misooma Kilaastera qamadii daawwataniiru.
Godinichatti qonnaan bultoota kilaasteraan ijaaruun hojii hojjetamaa jiruun oomishaa fi oomishitummaa dabaluun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf xiyyeffannoon hojjetamaa jiraachuu Bulchaan Godinichaa obbo Didhaa Guddataan ibsaniiru.
Lafti heektaarri kumni 800 ol oomishaalee adda addaan uwwifamuus himaniiru.
Daayrektarri Olaanaan Abbaa Taayitaa Galteewwan Qonnaa Oromiyaa Dooktar Birhaanuu Leenjisoo gamasaaniin, galteewwan qonnaa barbaachisan qonnaan bultootaaf dhiyeessuun dinagdee qonnaan bulaa dabaluuf hojjetamaa jira jedhan.
Tsahaay Gulummaatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.