Fana: At a Speed of Life!

Wadaajiin Aadaa obbolummaa, jaalalaa fi marartee…

Finfinnee, Amajjii 8, 2018 (FMC) –Wadaajiin dhungoo jaalalaa dargaggeessi hin fuunee fi Shamarran hin heerumne waliin raawwataniidha.

Dargaggeessi tokko wayita shamarran qalbii isa hawwatte arge akka wadaajii taatuuf gaafata.

Dargaggeessichi yoo ofii isaatii sodaate/qaana’e shamarran biraa akka sossobduuf itti ergata.

Shamarran shamarraaniin qabuu jechuudha.

Waliigalteen malee dirqiin hin raawwatu.

Nama guddaa, maatii, ollaa fi jiraattoota naannawaa biratti dhungoon wadaajii hin raawwatamu.

Wadaajiin/Qabdoon jaalaala akka obbolummaa, safuu fi duudhaa hawaasaa bifa kabajeen raawwatamuudha jedhan jiraattuu Kutaa Magaalaa Sulultaa Aanaa Abbaa Gadaa kan ta’an Haati Siinqee Shawaayyee Muluun.

Dargaggeessifi shamarri wadaajii walii ta’an dhungoodhaan jaalala walii ibsatu.

Taphni wadaajii kan raawwatu barii birraa eegaleeti.

Keessattuu shamarran bakka migira guuran, bishaan waraabanii fi qoraan cabsanitti wadaajii isaaniin wal arguun waldhungatu.

Inni guyyaa Cuuphaa ammoo bifa addaan itti qophaa’ama.

Birraa duraa wadaajiin Shittoo waliif bitu.

Guyyaa Ayyaana Masqalaa shamarrantu kennaa, guyyaa qaammee ammoo dhiiratu kennaa bita.

Guyyaa Cuuphaa lamaanuu qixa kennaa akka uffataa, shittoo, shaashii, Saamunaa fi karameellaa waliif bitu jedhan jiraattuu haati Siinqee kutaa magaalaa Sulultaa Shawaayyee Daamxoon.

Guyyaa ayyaana Cuuphaa erga waliin turanii boodas guyyaa biraatti wal arguuf wal beellamu.

Guyyaa biraatti beellama akka qabduuf shaashii irraa fudhata.
Guyyaa inni itti beellame sanatti isheenillee hin diddu.
Guyyaa beellamaa karameellaa yookin shittoo/urgooftuu fiddeefii dhufti.

Sana boodas isa dhungattee shaashii ishee fudhattee galti jedhan aadde Shawaayyeen.

Hariiroon wadaajii daangaa qaba jedhan Haadholiin Sinqee kunneen.
Wadaajiin dhungoodha malee waan biraa of keessa hin qabu jedhan.

Wadaajiin aadaadha, duudhaadha, dhungoodha, wal hammachuu, wal dhungachuu, wal marafachuu, wal kabajuu fi jaajala waliif qaban kan itti ibsataniidha.

‘‘Birraa birraa morma kee jalaan bubbisaa, na eeganii eessanan sidubbisaa’ jechuun waliif weellisu warra wadaajii.

Wadaajiin yoo waldhungatan obboleessa dabalatee firroottan aantes yoo argan hin lolan ittuma dhiisu.

Kanaafis akkas jechuun sirbu, haadha maashinii too haadha maashinii yaa lookoo(2)
Haadha maashiniitoo sittan gurguree jorroo koo(2),
Haadha maashinii too Haadha Maashinii yaa lookoo(2)
Jidda faradoo hin sakaaluu mormatti maree gadhiisaa,
Haadha Maashinii too haadha maashinii yaa lookoo(2)
obboleessi nama hin dhaanu, nama hin nyaaru taajjabeetuma dhiisaa,
Haadha maashininii too haadha maashinii yaa lookoo(2)
sittan gurgure jorroo koo’ jechuun weellifama jedhan Godina Shawaa Kaabaatti Haati Sinqee Aanaa Dabra Libaanos Faayituu Wadaajoon.

Wadaajiiwwan guyyaa Cuuphaa gamaa gamanaa walitti dhiichisu, qeerroon tokko wadaajii kan qeerroo birootti sirbuunis dhungachuunis dhorkaadha.

Ta’ee argamnaanis lola guddaatu uumama jedhan aadde Faayituun.
Aadaan wadaajii hiriyoota dhiiraa fi durbaa naannawaa tokko jiraatan gidduutti raawwatama.

Akka Oromoo Tuulamaatti Wadaajiin wal hin fuudhan, sababni isaas ollaatti heerumuunis ta’ee ollaadhaa fuudhuun dhorkaadha.

Guyyaa shamarreen heerumtu wadaajiin ishee shittoo fi shaashii bituun wayita hamaamonni dhufu hiriyoota isaa waliin hamaamota arrabsa jedhan Haati Siinqeen Aadde Faayituu Wadaajoon.

Shamarran qaammee keessaa sirbuun dhadhaa guurratu. dhadhaa sana shittoo itti dabaluun wadaajii isaanii dibu.

Erga dhadhaa dibanii booda shaashii mataatti hidhuun, karameellaas kennuufin dhungatanii gaggeessu.

Barii sana qeerrichi dhadhaa sana dhiqatee, shaashii sana miiccee, shaashii biroo bitee itti dabalee kennaaf.

Yeroo ammaa Aadaan Wadaajii laafaa waan dhufeef irratti hojjetamuu akka qabu dhaaman.

Aadaan Wadaajii obbolummaa, jaalalaa fi marartee waan guddisuuf cimee itti fufuu qaba jedhan.

Namni tokko wadaajii qabatee namni biraan jalaa kadhachuu/fuudhuu danda’a jedhan Haadholiin Siinqee kunneen.

Kan tokko dhungataa ture, kan biraa ammoo dursee kaadhimachuun fuudhuu danda’an.

Kunis lolas jibbaas hin qabu.
Dargaggeessi tokko wayita wadaajiin qabatee ture heerumtu shaashii, saamunaa, kophee fi kunneen biroo bituun kennaaf.

Aadaan wadaajii kun ammallee Godina Shawaa Kaabaatti heddumminaan jira.

Dargaggoonnii fi Shamarraan wayita cuuphaan dhiyaatu bifa addaan of qopheessu.

Waan qabaniin miidhaganii wadaajii ofii akkaan hawwachuu fi gammachiisuuf dhama’u.

Aadaan wadaajii kun kutaalee Oromiyaa hedduutti Qaammee eegalee hanga Ayyaana Hiikaatti itti fufa.

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.