Fana: At a Speed of Life!

Waggaa 7 keessatti oomishni qonnaa gara toonii miiliyoona 150’tti guddate – Waajjira Ministira Muummee

Finfinnee, Bitootessa 24, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaatti oomishni qonnaa waliigalaa waggoota 7 keessatti toonii miiliyoona 41.7 irraa gara toonii miiliyoona 100 fi miliyoona 50tti guddateera jedhe Waajjirri Ministira Muummee.

Waajjirichi ibsa waa’ee imala jijjiiramaa waggoota 8 darbanii “Diinagdee Itiyoophiyaa gara diinagdee ammayyaa fi damee hedduutti ” jedhuun baaseen milkaa’inoota Warraaqsa qonnaa Itiyoophiyaa fi nyaataan of danda’uu ibseera.

Ibsi kun akka agarsiisutti Itiyoophiyaan oomisha qamadiitiin milkaa’ina galmeessiteen guutummaatti Kan of dandeesse yoo ta’u; bara 2017 immoo Afrikaa keessatti oomishtuu qamadii guddoo ta’uun ishee mirkanaa’eera.

Filmaatawwan misooma midhaan adda addaa jalatti, keessumaa oomishni ruuzii, midhaan dibataa fi midhaan misooma industiriif oolan hedduu dabaleera.

Qabeenyi horii fi oomishni qonnaa gatii ol’aanaa qaban saffisaan kan guddatan yoo ta’u, oomishni hanqaaquu waggaa waggaan biliyoona 9.4 gahuu fi oomishni aannanis liitira biliyoona 13 gahuu Waajjirichi ibseera.

Haaluma wal fakkaatuun, oomishni foonii gara dachaa 10tti siqun guddachuun eerameera.

Sagantaa qonnaa kilaasteraa jalatti qonnaan bultoonni miiliyoona 9.5 ta’an lafa hektaara miiliyoona 12.8 irratti hirmaachisuun bu’aan guddaan kan argame yoo ta’u; kunis oomishtummaa dabalataa %29 fi galii %18 dabaluu odeeffannoon Waajjirichaa ni agarsiisa.

Walumaagalatti oomishni qonnaa waggoota 7 keessatti toonii miiliyoona 41.7 irraa gara miiliyoona 100 fi miiliyoona 50tti kan guddate yoo ta’u; kunis galii daldala alaa guddisuuf gumaacha guddaa taasiseera.

Waggaota kanneen keessatti oomishni bunaa dachaan guddatee oomishni gara toonii miiliyoona 1tti siqu kan argame yoo ta’u; bara bajata 2017 qofatti galii doolaara biliyoona 2.65 argamsiiseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.