Waggaa waggaan namoonni haaraan kuma torbaa olitu HIV’n qabama – Ministeera Fayyaa
Finfinnee, Hagayya 1, 2017 (FMC) – waggaa waggaan namoota kuma torbaa olitu HIV’n qabama jedhe Ministeerri Fayyaa.
Ministeera Fayyaatti Hoji-raawwachiisaa dursaan Ittisaa fi To’annoo HIV/AIDS Fiqaaduu Yaadataa Faanaa Miidiyaa Korpooreshinitti akka himanitti, tatamsa’ina dhibee HIV/AIDS ittisuuf hojiiwwan karaa adda addaa hojjetaman bu’aa galmeessisaniiru.
Amma akka biyyaatti hojiiwwan tatamsa’ina vaayirasichaa to’achuuf gargaaran hojjetamaa akka jiran eeranii, jijiiramni amalaa dhufuu dhabuun fi dagannaan uumame gufuu ta’uu dubbataniiru.
Ammas hammi tatamsa’inaa bakkeewwan hedduutti mul’atu xiyyeeffannaa barbaada jedhan.
Waggaa waggaanis namoonni kuma torbaa ol ta’an haaraan vaayirasichaan akka qabamani fi hedduun isaaniis dargaggoota umurii waggaa 24 gadi jiran ta’uu kaasan.
Finfinnee dabalatee, naannooleen Gaambeellaa, Amaaraa fi Tigraay tamsa’inni guddaan kan itti mul’atu ta’uu himanii, Naannoo Somaaleetti ammoo tatamsa’inichi xiqqaa ta’uu dubbataniiru.
Solomoon Yittaayyewutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok:
https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffann