Fana: At a Speed of Life!

Waggoota booda imala Roonaaldoo gara Ameerikaatti…

Finfinnee, Sadaasa 9, 2018 (FMC) –Taphataa sarara fuulduraa Poolchuugaal Kiristiyaanoo Roonaaldoon tapha michoomaa gareen biyyaaleessaa Poorchuugaalii fi Ameerikaa taphataniif gara Ameerikaa kan imalu ta’uu ifoomseera.

Roonaaldoon bara Faranjootaa 2014 tapha michoomaa Maanchiister Yuunaayitii Riyaal Maadriid waliin taphate irratti ture yeroo dhumaaf gara Ameerikaa kan imale.

Poorchuugaal Waancaa Addunyaa 2026 Ameerikaa, Kanaadaafi Meeksiikoon waloon qopheessaniif darbuu hordofee Kiristaanoo Roonaaldoon tapha michoomaaf gara Ameerikaa imaluufi.

Ronaaldoon, Tiraamp nagaa addunyaa deebisuuf shoora taphataniif uffata lakkoofsa 7 irratti mallatteesse kennaan erguufiin ni yaadatama.

Roonaaldoon turtii tibba darbe Piirs Morgaan waliin taasiseen Pireezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraampi waliin wal arguun dhimma nageenyaarratti mari’achuu akka barbaadu ibsee  jira.

Wandimmaaganyi Tsaggaayeetiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.