Waggoottan sadan dhufaniif wagga waggaan seeftiineetii misooma magaalaaf Birrii biiliyoonni 15 ramadame
Finfinnee, Bitootessa 1, 2017 (FMC) – Waggoottan sadan dhufaniif wagga waggaan seeftiineetii misooma magaalaaf Birrii biiliyoonni 15 ramadamuu Ministirri Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin ibsan.
Sagantaan jalqabsiisa pirojektii seeftiineetii misooma magaalaa magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa jira.
Aadde Caaltuu Saaniin haasawaa sagantaa kanarratti taasisaniin, pirojektii hojiifi seeftiineetii misooma magaalaa irraa lammiileen miiliyoonni 1 fi kumni dhibbi 7 ol fayyadamoo ta’uu ibsaniiru.
Fooyyessa diinagdee gooroo mootummaan hojiirra oolche hordofee baadiyyaafi magaalaatti hojii seeftiineetii misoomaan lammiilee deeggaruufi waaraan jireenya isaanii fooyyessuuf waggoottan sadan dhufaniif Birrii biiliyoonni 60 ramadamuu eeraniiru.
Kana keessaa wagga waggaan Birrii biiliyoonni 15 seeftiineetii magaalaaf ramadamuu kaasaniiru.
Bara baajataa kanatti naannolee hundaa fi magaalota pirojekticha fayyadamaa turan keessatti miseensonni maatii kumni dhibbi 1 fi kumni 43 ol gara fooyya’iinsa jireenyaa waaraatti kan ce’an, lammiileen kumni dhibbi 6 fi kumni 99 fi 122 ammoo gara pirojektichaatti kan makaman ta’uu ibsaniiru.
Beezaawwit Kabbadaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia