Fana: At a Speed of Life!

Waggoottan shanan dhufanitti Itiyoophiyaan qoricha ishee gahu oomishuu qabdi- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Bitootessa 26, 2018 (FMC) – Waggoottan shanan dhufanitti Itiyoophiyaan qoricha ishee gahu oomishuu qabdi amantaa jedhuun hojjechaa jirra jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad guyyaa har’aa Giddugala qorannoo ammayyaa eebbisiisuun hojii eegalchiisaniiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad wayita kana imala biyya tokkoo keessatti qormaanniifi rakkoon hin mudatu hin jedhamu; haa ta’u malee wayita uumamu gara carraatti jijjiiruufi rakkoo keessatti carraa uumuuf hojjechuun barbaachisaadha jedhan.

Wayita weerarri vaayirasii Kooroonaa mudate addunyaan qaroome addunyaa hin qaroomne keessumaa Afrikaan ardii namni itti dhumuufi dhukkubicha jalaa hin bane ta’uu akka danda’u hedduun tilmaamanii akka turan yaadachiisaniiru.

Haa ta’u malee tilmaamni kun hojjechuu haa baatuyyuu malee adeemsichi qophii taasisuun baay’ee barbaachisaa akka ta’e kan barsiisu ture jedhan.

Haaluma Kanaan akka mootummaatti nyaataafi qorichaan ofdanda’uuf akka carraatti fayyadamuu qabna ejjennoo jedhu qabannee turre; bona haa qonnu, lafti hagabuu buluu hin qabu jennee qamadii irratti bu’aa olaanaa galmeessisne jechuun ibsaniiru.

Qoricha irrattis tarkaanfiin walfakkaataan fudhatamuu eeranii, wayita Kooroonaan mudate qorichi Itiyoophiyaan faayidaa biyya keessaaf oomishtu %8 akka ta’ee yaadachiisaniiru.

Nyaanni, uffanniifi qorichi dhimmoota bu’uuraa ta’uu kaasanii, warreen kanarratti ciminaan hojjechuuf karoorri qabamee hojiilee hedduun hojjetamuu dubbataniiru.

Yeroo ammaa dhiyeessiin qorichaa biyya keessaa %40 irra gahuu ibsaniiru.

Warshaaleen yeroo dhiyootti eebbifaman jiraachuu fi waggaatti oomishni qoricha biyya keessaa %50-55 akka gahu eeran.

Waggoottan shanan dhufanitti Itiyoophiyaan qoricha ishee gahu oomishuu qabdi amantaa jedhuun hojjechaa jirra jedhaniiru.

Admaasuu Arraagaawuun.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.