Fana: At a Speed of Life!

Walakkaa waggaatti Birriin biiliyoonni 52.26 walitti qabame – Tajaajilicha

Finfinnee, Amajjii 28, 2018 (FMC) – Bara baajataa 2018 kana walakkaa waggaatti Birriin biiliyoonni 52.26 walitti qabame jedhe Tajaajilli Elektirikii Itiyoophiyaa.

Kunis gurgurtaa annisaa fi galiiwwan adda addaarraa kan argame ta’uu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Tajaajilichaa Injiinar Geetuu Garramaw ibsaniiru.

Baatiwwan jahan darban keessaa maamiltoonni haaraan kumni 200 fi kumni 66 fi 916 fayyadamtoota Elektirikaa ta’uu dubbatan.

Waliigalaan maamiltoonni dhaabbatichaa miiliyoona 5.46 caaluu ibsuun, maamiltoota kanneen keessaa % 94.8 kaffaltii tajaajilaa filannoowwan diijitaalaan kaffalaa jiraachuu eeran.

Dhiyeessiin anniisaa gahaa ta’e akka jiraatuuf baatiwwan jahan darban keessa hojiileen bu’uuraalee misoomaa Birrii biiliyoona 52 oliin hojjetamuu himan Injiinar Geetuun.

Walakkaa waggaa kanatti gurgurtaa anniisaa fi maddoota galii adda addaarraa galiin Birriin biiliyoonni 52.26 walitti qabamuu eeraniiru.

Gizaachaw Girmaayeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.