Fana: At a Speed of Life!

Walargii hanga Nyaachisaatti ayyaana Gaammee Guguddaa Gaayootti

Finfinnee, Hagayya 20, 2017 (FMC) – Sirna Gadaa Oromoo, bu’uura aadaa, dudhaa fi bulchiinsa uummata Oromoo keessatti ilmi Oromoo kamuu sadarkaalee guddinaa keessa darbu qaba.

Akkaataa sirna Gadaatti, keessumaa Gadaa Booranaa keessatti namni fuulduraaf Abbaa Gadaa ta’ee filatamu kan adda ba’u sadarkaalee guddinaa keessaa tokko kan ta’e sadarkaa Gaammee Gurguddaa irratti.

Ijoolleen sadarkaa kana keessa jiran, kan gogeessa tokkoo, utuu gara Kuusaatti hin ce’in bakka jiran hundarraa walitti dhufanii wal argu walbaru.

Sirni Gaammeewwan gurguddoon itti walbaran kun Walargii jedhama.

Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaatti dursaan garee sona aadaa Bonayaa Diidoo Faanaa Dijiitaalitti akka himanitti, ijoolleen Booranaa umurii kana keessa jiran biyya Keeniyaa irraa utuu hin hafin deeggersa abbootii isaaniin bakka Gumii Gaayyootti walitti dhufanii walargu.

Walargiin waggaa saddeet keessatti yeroo tokko kan raawwatamuu dha.

Sirna guyyoota sadii hanga afuriitti turu kana irratti hirmaachuuf Gaammeewwan yeroo imala eegalan irraa kaasee bakka ga’anitti qubachaa uummannis qalee nyaachisaa, godina Booranaa aanaa Dhaas, bakka addaa Gaayoo jedhamu hanga ga’anitti akkaataa kanaan imala itti fufu.

Gumii Gaayoottis Abbootiin Gadaa fi Abbootiin Lubaa ijoollee kana goggeessa tokko keessa jiraachuu isaanii adda baasuun walbarsiisu.

Sirni walargii kun sagantaa guddaa kan Abbaan Gadaa gara fuula duraa ittiin adda ba’u, ”Nyaachisa” jedhamee kan beekamuuf boqonnaa jalqabaati.

Sirni Nyaachisaa walbaruun booda ji’oota gara kudhanii booda kan raawwatamuudha.

Sirna kana dura gara ji’oota shaniif Gaammeewwan utuu manatti hingalin diida turu, leenjii Abbaa Gadummaaf isaan ga’u lenji’aa turu.

Yeroo leenjii kana foonii fi dhiiga horiin alatti waan biraa hin nyaatan, manatti hingalan, qaama hin dhiqatan. qormaatilee jireenyaa shaakalaa turu.

Akkaataa shallaggii yeroo Jaarroleen murteessaniin yeroon nyaachisaa yemmuu ga’u, Gaammeewwan walbaranii turan sirna Guddaa kana irratti, Abbootii Gadaa, Luboota fi jaarrolee waliin deebi’anii walga’u.

Qalanii nyaatu, ni eebbifamu.
Sirnicha Guddaa kan jechisiisu garuu nyaachuu fi dhuguun alatti qormaanni guddaan bakka itti kennamu ta’uu isaati.

Gaammeewwan leenjii fudhataa turan waldorgomu, ni madaalamu, ciminni qaamaa fi hubannaan bulchiinsa Gadaaf qaban ni qorama, dandeettiin dubbii isaaniis ni ilaalama.

Gaammeewwan achitti walga’an keessaa kan qormaatilee kanaan hunda caalaa milkaa’etu Abbaa Gadaa egereef filatama, eebbifamee gosa biratti beekama.

Gaafa umuriin isaa guutus Abbaa Gadaa ta’ee baallii fudhata.

Tibbanas Godina Booranaa aanaa Dhaasitti Gaammeewwan guguddaan Booranaa Gaayootti walargii irra jiru.

Adoolessa 2018 keessa ammoo sirna Nyaachisaatu geggeeffama.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.