Walga’ii Idileen 46ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiiftoota Gamtaa Afrikaa xumurame
Finfinnee, Guraandhala 6, 2017 (FMC) -Walga’ii Idileen 46ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiiftoota Gamtaa Afrikaa guyyoota lamaaf taa’amaa ture xumurameera.
Dura taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faaqii Mahimmaat dabalatee Ministiroonni Alaa biyyoota Afrikaa, Dippiloomaatoonnii fi hoggantoonni Gamta Afrikaa walga’icharratti hirmaataniiru.
Ajandaalee garaagaraa Ardichaarratti mari’achuun murtoowwan adda addaa dabarseera.
Akkaataa dambii bulchiinsaa mana marichaan Komishinar gamticha jalatti argamaniif Komishinaroota 6 filateera.
Itiyoophiyaan Mana Maree Nageenyaa fi Tasgabbii Gamtaa Afrikaa ta’uun filamteerti.
Ajandaalee Yaa’ii Idilee 38ffaa Hoggantoota Gamtaa Afrikaa dhiyaatus raggaasiseera.