Walga’iin idilee 48ffaa Hoji Raawwachiistootaa Gamtaa Afrikaa xumurame
Finfinnee, Guraandhala 5, 2018 (FMC) – Walga’iin idilee 48ffaa Hoji Raawwachiistootaa Gamtaa Afrikaa guyyoota lamaaf gaggeeffamaa ture xumurameera.
Walga’ichi “Dhiyeessii bishaanii itti fufiinsa qabuu fi sirna qulqullinaa nageenyi isaa mirkanaa’e milkaa’ina galmoota Ajandaa 2063’f ” jedhuun gaggeeffameera.
Manni Marichaa dhimmota garaagarraatti mari’ateera.
Manni Maree Hojii rawwachiistootaa Gamtaa Afrikaa fedhii waloo biyyoota miseensa gamtichaa kan ta’an dhimmoota imaammataa kan walitti hidhuufi murtoo kennuudha .
Salamoon Bayyanaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.