Fana: At a Speed of Life!

Waliigaltee dhukaasa dhaabuu addunyaa afuura baafachiise…

Finfinnee, Bitootessa 30, 2018(FMC) – Ameerikaa fi Iraan waliigaltee dhukaasa dhaabuu torbee 2 taasisuuf waliigaluu hordofee biyyoonni garaagaraa gammachuu isaanii ibsachaa jiru.

Waraanni Giddugaleessa Bahaa addunyaarratti dhiibbaa diinagdee fi Siyaasaa cimaa uume eda oduu aagaa dhageessiseera.

Akkaataa waliigalteen Ulaan Hormuuz eegumsa cimaa Humna Waraanaa Iraaniin tajaajilaaf banaa ta’eera.

Ministirri Muummee Israa’eel Beeniyaamii Neetaaniiyaahuun waliigaltee dhukaasa dhaabuu Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampin taasisan kan deeggaran ta’uu ibsaniiru.

Barreessaa Olaanaan Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez gama isaaniin waliigaltichi marii nageenya waaraaf carraa kan uumu ta’uu eeran.

Jaappaan, Iraaq, Ijipti, Indooneezyiyaa, Maaleezyiyaa, Awustiraaliyaa, Niwuuziilaandii fi biyyoonni biroo karaa Ministeera Dhimma Alaa isaaniin waliigaltichatti gammaduu ibsaniiru.

Ameerikaa fi Iraan waliigaltee dhukaasa dhaabuu waaraa akka taasisan biyyoonni kunneen gaafachuu Al Jaziiraan gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.