Fana: At a Speed of Life!

Waliigaltee dhukaasa dhaabuu guyyoota 45 Ameerikaa fi Iraan…

Finfinnee, Bitooteessa 28, 2018 (FMC) – Ameerikaa fi Iraan waliigaltee dhukaasaa dhaabuu guyyoota 45’f taasisuuf mari’ataa jiru.

Pireezidaantii Itti Aanaan Ameerikaa Jeedii Vaansi, Ministirri Alaa Iraan Abbaas Araagaachii fi Ajajaan Waraanaa Paakistaan Fiild Maarshaal Asiim Muuniir maricharratti hirmaata jiru.

Marichi waliigaltee dhukaasa dhaabuu guyyoota 45 qofa osoo hin taane waraanicha guutummaatti dhaabuuf kan kaayyeffameedha jedhame.

Haa ta’uutii waliigalteen dhukaasa dhaabuu kun daangaa yeroo Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi sa’aatii 48 kanneen dursee xumuramuuf carraan inni qabu dhiphaa ta’uu eerameera.

Mariin kun Ameerikaan haleellaa bu’uuraalee anniisaa Iraanirratti fudhattu akka dhaabdu, akkasuma Iraan haleellaa deebii bu’uuraalee waraanaa Ameerikaa biyyoota Galoo Galaanaatti argamanirratti fudhattu dhaabuuf murteessadha jedhame.

Daangaan yeroo Pireezidaanti Doonaald Tiraampi Iraan Ulaa Hormuuz akka bantu kennan har’a halkan xumurama.

Miikiyaas Ayyaalaatiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.