Fana: At a Speed of Life!

Waliigaltee yeroo dhukaasa dhaabuu Ameerikaa – Iraan fi simannaa addunyaa

Finfinnee, Bitootessa 30, 2018(FMC) – Waliigaltee yeroof dhukaasa dhaabuu Ameerikaa fi Iraan gidduutti uumameen walqabatee, addunyaan bakka lamatti qoodamtee jirti jedhu gabaasaaleen adda addaa.

Akkaataa gabaasaalee addunyaa fi yaada hoggantootaa irraa hubatamutti, dhimmichi deggersaa fi mormii jabaa hordofsiiseera.

Biyyoonni fi dhaabbileen deggersa isaanii ibsan hedduun nagaa naannichaa fi tasgabbii diinagdee irratti xiyyeeffachuun.

Gamtaan Awurooppaa waliigalticha erga jajee booda karaa diplomaasii akka itti fufuufi soda waraanaa akka hir’isu kan amanu ta’uu ibseera.

Barreessaan ol-aanaan Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guuterez gama isaaniin, walitti bu’iinsa uummata nagaa irratti miidhaa geessisu hambisuuf murteessaa dha jedhanii jiru.

Biyyoonni akka Chaayinaa fi Raashiyaa daldala boba’aa fi tasgabbii naannichaaf jecha waliigaltichi akka turu kan barbaadan yoo ta’u, garuu dhiibbaa Ameerikaan naannicha irratti qabdu akka hin babal’anne shakkii qabaachuutu himama.

Kun kanumaan utuu jiruu mormiin sodaa nageenyaa naannichaa fi falmii siyaasa keessoo Ameerikaa irraa maddu waliigaltee kana mudataa jiraachuutu himama

Mootummaan Isiraa’el waliigaltee kana akka deggeru ibsuus, gama biraan ammoo kan mormu ta’uutu ibsame.

Sababni isaas Iraan yeroo argattetti fayyadamtee sagantaa niwukilaraa ishee ni babal’ifatti jedhee waan shakkuuf, waliigaltichi “nageenya sobaa” akka ta’etti fudhateera.

Biyyoonni Baha Giddugaleessa Iraaniin akka balaa guddaatti ilaalan tokko tokkos, waliigaltichi Iraan humna ishee akka gabbifattu carraa kennaaf jedhanii shakku.

Waliigaltichi sagantaa niwukilaraa Iraan guutummaatti kan hin dhaabsisne ta’uu bira darbee, yeroo kanatti Iraan maallaqa argattuun humnoota ishee naannicha keessa Isiraa’elii fi biyyoota Lixaa irratti ni jabeessiti” jedhanii sodaatu.

Keessumaa Isiraa’el waliigalteen Ameerikaa fi Iraan gidduutti uumame rakkoolee adda addaa fida jettee shakkiti.

Akka ilaalcha hoggantoota Isiraa’elitti, waliigalteen dhukaasa dhaabuu kun Iraaniif yeroo itti meeshaa waraanaa ishee gabbifattu kennaaf jedhanii shakku.

Gama biraan ammoo Iraan naannichatti humnoota akka Hezbullaah fi Hamaas irra deebiin cimsuuf carraa argatti jettee amanti Israa’el

kanaafis waliigaltichi Libaanosiin akka hindabalanne ifatti beeksisteetti.

Isiraa’el kophaatti tarkaanfii waraanaa dhuunfaan yoo fudhatte, kun waraana guddaa naannicha keessatti uumuu akka danda’u sodaatama.

Isiraa’el keessattuu giddu-galeessota niwukilaraa Iraan irratti tarkaanfii yoo fudhatte, Iraanis deebii waan kennituuf guutummaa naannichaa gara waraanaatti galchuu danda’a.

Ameerikaan Iraan waliin waliigaltee uumtee, gama biraan ammoo michuu ishee Isiraa’eliin tasgabbeessuun itti ulfaata.

Mormiin Isiraa’el dhiibbaa siyaasa keessoo Ameerikaa irrattis dhiibbaa waan uumuuf, waliigaltichi yeroo dheeraaf cimee akka itti hin fufne gochuu malaan shakkama.

Iraanis gama isheen kallattiin utuu hin taane, humnoota naannicha keessatti deggertu (Hezbullaah fi Hamaas fakkaatan) fayyadamtee Isiraa’el irratti dhiibbaa uumuu dandeessi.

Kun immoo haalli nagaa Libaanos, Siriyaa fi Israa’el gidduu jiru yeroo hunda akka boora’u taasisa.

Biyyoonni naannichaa biroon dhiibbaa Isiraa’el fi Iraan hordofuun, nageenya keenyaaf meeshaa waraanaa dabalataa bitachuu qabna yaada jedhuun dorgommii meeshaa waraanaa naannicha keessatti jabeessuu danda’u.

Sanas ta’e kana, tasgabbiin nagaan Baha Giddu-galeessaa fi furmaatni raraafama dinagdee addunyaa sababa kanaan dhufee hojii irra oolmaa waliigaltee Iraani fi Ameerikaa guyyaa 15’n furmaata argachuu dhiisuu mala.

Akkuma Paakistaan yaada araaraa waaraa dhiyeessaa jirtutti, qooda fudhattoonni walitti dhufanii furmaata waaraa irratti waliigaluun cininsuu uummata addunyaaf aara galfii ta’uu danda’a.

Waan dhufu bubbullee ilaalla.

Gurri Aagaa nu haa dhaga’u.

BBCfi Aljaziiraa irraa odeeffanne.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.