Waliigalteen seena qabeessi waraana Gaazaa dhaabsisu mallatteeffame
Finfinnee, Onkoloolessa 3, 2018(FMC) – Waliigalteen seena qabeessi waraana Gaazaa dhaabsisu fi nagaa waaraa Baha Giddugaleessaatti fidu mallatteeffame jedhan Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi.
Waliigalteen waraana Gaazaa dhaabsisuu kaayyeffate bakka pirezidaantonni Ameerikaa, Ijiipti, Turki, Kuwaataar fi Bulchiinsa Filisxeem argamanitti biyya Ijiiptitti mallatteeffame.
Waliigalteen nagaa Yaalii Nagaa Shaarmi El Sheek irratti mallatteeffame kun boqonnaa jalqabaa waliigaltee waraana dhaabuu Isiraa’el fi Hamaas gidduutti jaarsummaa cimaa Kuwaataar, Ijiipti fi Turkiin mallatteeffame dha.
Waliigalticha ilaalchisuun Pirezdaanti Tiraampi akka dubbatanitti, waliigalticha akka milkaa’uuf namoonni hedduun qabsaa’aa, dhaga’aa fi kadhachaa turaniiru.
Tiraampi waliigaltichi sadarkaa kanarra ga’uuf yeroo dheeraa akka fudhate eeranii, waliigalteen mallatteeffame ni milkaa’a jedhanii akka amanan dubbataniiru.
Dararaa fi dhangala’uu dhiigaa barootaa booda waraanni Gaazaa xumuramuu kan dubbatan Pirezdaanti Tiraampi, biyyoota bu’aan kun akka dhufuuf hojjetan galateeffataniiru. Hojiin Gaazaa deebisanii dhaabuu eegalamuu ibsaniiru.
Kun kanumaan utuu jiruu Dhaabbanni Tola oolaan biyya Ingilizitti argamu ogeeyyii boombii dhabbamsiisan 100 gara Gaazaatti erguuf karoorsuu beeksiseera.
Boombiiwwan hindho’in kumaatamaan lakkaawwaman qulqulleessuuf waggaatti hanga Paawundii Miliyoona 60 akka gaafatuu fi ariifatanii gara hojii deebisanii ijaaruutti seenuun balaawwan fiduu akka danda’u akeekkachiiseera jechuun BBC’n gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo mara waan nuwaliin jirtaniif isin galateeffanna.