Waliingahiinsa barnootaa guddisuuf….
Finfinnee, Bitootessa 22, 2018 (FMC)- Mariin Paanaalii misoomaafi qorannoo dhaabbilee barnootaa olaanoo magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa jira.
Marichi mata duree “Hirmaannaa Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo Ijaarsa Biyyaaf” jedhuun gaggeeffamaa jira.
Waltajjirratti qorannoowwan yuunivarsiitiiwwan adda addaan qorataman dhiyaachuun irratti mari’atamaa jiraachuun ibsameera.
Kaayyoon waltajjicha, dhimmoota damee barnootaarratti danqaa ta’an akka furamaniifi hojiiwwan gaarii ammoo dhaabbileen barnootaa ejjennoo walfakkaataa akka qabaataniif ta’uu Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Itti Gaafatamaan Siyaasaa Obbo Namarraa Buliin ibsaniiru.
Mootummaan waliingahiinsa barnootaa guddisuuf manneen barnootaa bu’uura boruurraa eegaluun manneen barnootaa olaanoo ijaaruufi galteewwan barnootaa guddisuuf hojiiwwan gurguddoo hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Waltajjicharratti Pirezidantiin Mana Murtii Waliigalaa Naannoo Oromiyaa Gaazaalii Abbaasimaal, Pirezidantonni Yuunivarsiitiiwwan adda addaa fi hoggantoonni dhaabbilee barnootaa, akkasumas hoggantoonni olaanoo mootummaa biroon argamaniiru.
Asteer Geetaahuntu gabaase.
#Oromia #Ethiopia