Fana: At a Speed of Life!

Walitti hidhamiinsa Afrikaa dhugoomsuuf miidiyaaleen ga’ee guddaa qabu – Dooktar Laggasaa Tulluu

Finfinnee, Hagayya 21, 2017 (FMC)- Walitti hidhamiinsa Afrikaa dhugoomsuuf miidiyaa fi kominikeeshiniin ga’ee guddaa qaba jedhan Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluu

Yaa’ii 15ffaan Waldaa Kominikeeshinii Baha Afrikaa mata duree “Miidiyaa fi Kominikeeshinii Walitti hidhamiinsa Afrikaaf” jedhuun Finfinneetti taa’amaa jira.

Dooktar Laggasaa Tulluu wayita kana akka ibsanitti, Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa ardichaa dhugoomsuuf bu’aaraalee misoomaan, daldalaan, hariiroo uummataa fi dhimmoota biroon xiyyeeffattee hiojjechaa jirti.

Miidiyaalee sabqunnamtiitiinis afaanota Baha Afrikaatti bal’inaan dubbataman Afaan Arabaa fi Kiswaahiliitiin hojjechaa jirti jedhan.

Walitti hidhamiinsa ardii feenu dhugoomsuuf seenaawwan eenyummaa waloo fi carraawwan keenya walitti hidhaman seenessuu qabna jechuun hubachisaniiru.

Miidiyaaleen eenyummaa waloo ibsuu fi tumsa cimsuuf akka gargaaran eeranii, yaa’ichi ajandaawwan walitti hidhamiinsa waloo irratti mari’achuuf carraa akka kennus dubbataniiru.

Pirezidaantiin waldichaa piroofeesar Maargaaret Juukoo gama isaaniin, yaa’ichi beekumsawwan dhiibbaa guddinni teeknooloojii damee miidiyaa irraan ga’u ittisuuf gargaaran kan itti adda ba’an ta’uu akka qabu hubachiisaniiru.

Maraa’ol kadirtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.