Fana: At a Speed of Life!

Wallagga Bahaatti eeggattummaa hambisuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Adoolessa 2, 2017 (FMC) – Buusaan Gonofaa Oromiyaa Dameen Godina Wallagga Bahaa godinichatti eeggattummaa  hambisuuf hojjetamaa jira jedhe.

Buusaa Gonofaa Oromiyaa Dameen Godina Wallagga Bahaa mata duree “gargaaramtummaarraa gara oomishtummaatti” jedhuun hojii qonna garaagaraa gaggeessaa jira.

Godinicha Aanaa Guutoo Giddaatti qonni investimentii Buusaa Gonofaa Oromiyaa lafa heektaara 500 ol irratti misoomaa jira.

Gandoota aanaalee godinichaa keessattis karaa wal fakkaatuun qonni buusaa gonofaa hirkattummaafi eeggattummaa hambisuuf humnaafi qabeenya ofii qindeessuun hojjetamaa jira jedhan Itti gaafatamaan Buusaa Gonofaa Oromiyaa Damee godinichaa obbo Gaashaahun Taakkaleen.

Manneen barnootaa godinichaa keessattis lafti hektaarri 900 ol qotamee nyaata barataa mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuun himameeera.

Yohaannis Malkaamuutu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.