Fana: At a Speed of Life!

Waltajjichaan badhaadhina gama maraa mirkaneessuuf aadaa hojii fooyya’aan hojjechuun akka barbaachisu waliigalameera- Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Sadaasa 28, 2018 (FMC)- Leenjii hoggantootaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffameen badhaadhina gama maraa mirkaneessuuf aadaa hojii fooyya’aan hojjechuun akka barbaachisu waliigalameera jedhan Kantiibaan magaalichaa aadde Adaanech Abeebeen.

Magaalichatti leenjiin hoggantoota aanaalee marsaa 3ffaan mata duree “ Ilaalama Mootummaa Ida’amuun Milkaa’ina Dameelee” jedhuun kennamaa ture xumurameera.

Aadde Adaanech Abeebeen xumuramuu leenjichaa ilaalchisuun ergaa dabarsaniin, waraqaaleen leenjii waltajjii irratti dhiyaataniifi daawwannaa dirreen hoggantoonni dandeettii dabalataa argachuufi muuxannoo wal jijjiiruu ibsan.

Hoggansi hubannoo leenjiin argate hojiirra oolchuun rakkoolee gara carraatti jijjiiruu akka qabus hubachiisaniiru.

Badhaadhinni hunda galeessi akka dhugoomuuf aadaa hojii fooyya’aan kenniinsa tajaajila haqa qabeessa mirkaneessuun barbaachisaa ta’uus dhaamaniiru.

Fedhii misoomaa jiraattotaafi gaaffii bulchiinsa gaarii waggoottaniif ture furuuf of qopheessuun barbaachisaadha jedhan.

Dameewwan xiyyeeffannoon adda bahan ce’umsa qonnaafi baadiyyaa biyyaalessaa, damee indaastirii akkasumas dameewwan tuurizimiifi misooma magaalaa milkeessuuf hoggansi gahee isaa akka bahatuuf waltajjii Kanaan waliigalteen uumamuu ibsaniiru.

Itti fufiinsaan qajeeltoo kalaquufi ariitiin hojjechuun badhaadhina Itiyoophiyaa ni mirkaneessinas jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.