Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin Fooramii Xaanaa Baahir Daar xumurame

Finfinnee, Onkoloolessa 14, 2018 (FMC)- Fooramiin Xaanaa 11ffaan Baahir Daaritti geggeeffame milkaa’inaan xumurameera jedhe Qajeelchi Waligalaa Olaanaan Poolisii Amaaraa.

Ajajaan Qajeelchichaa Komiishinar Dooktar Zalaalam Mangistee, turtiin hirmaattota waltajjichaa akka milkaa’uuf Humni Waloo Nageenyaa hundaa’ee qophii ga’aa gochuu ibsaniiru.

kunis foormicha cinatti hojiiwwan misoomaa Hara xaanaa fi magaalaa Baahir Daaritti hojjetaman naanna’anii daawwachuun turtii bareedaa akka qabaatan dandeessisuu dubbatan.

Uummanni magaalichaas keessummoota simachuun haala dudha isaa eegeen keessummeessuu isaaf galateeffataniiru.

Waltajjichi dandeettii Magaalaan Baahir Daar waltajjiiwwan idil-addunyaa simachuuf qabdu akka dhugoomse AMC’n gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.