Waltajjiin hoggansa dubartootaa gaggeeffamaa jira
Finfinnee, Hagayya 4, 2017 (FMC)- Waltajjiin bu’aa jijjiiramaa kan ta’e hoggansa dubartootaa Godaambaa Saayinsiitti gaggeeffamaa jira.
Waltajjichi qopheessummaa Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaan, mata duree “ Dubartoonni Itiyoophiyaa Eessaa Garamitti” jedhuun gaggeeffamaa jira.
Waltajjicharratti Sadarkaa Ministira Muummee Itti aanaatti Hogganaa Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimookiraasiifi Pireezidaantii Itti aanaa Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon biroon argamaniiru.
Waltajjichaan mariin hirmaannaa diinagdeefi siyaasaa dubartootaa guddisuun baadhaadhina gama maraa Itiyoophiyaa gara hojiitti hiikuu dandeessisu ni gaggeeffamas jedhameera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana