Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin Maree Biyyaalessaa Naannoo Tigraay Finfinneetti gaggeeffamuufi

Finfinnee, Bitootessa 18, 2018 (FMC)- Waltajjiin Maree Ajandaa walitti qabuu Naannoo Tigraay Bitootessa 23-25, 2018 Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuufi jedhe Komishiniin Maree Biyyaalessaa.

Komishinarri Olaanaa Komishinii Maree Biyyaalessaa Pirofesar Masfin Ar’ayaan ibsa kennanin, Naannoo Tigraayitti adeemsa maree eegaluuf haalota mijjeessuuf hojiilee hedduun hojjetamuu dubbataniiru.

Haaluma kanaan naannichatti Maree Biyyaalessaa gaggeessuuf Bulchiinsa Yeroo Naannichaa, Paartilee Siyaasaa, Hayyootaa fi Dhaabbilee Sivilii 22 ol ta’an wajjiin waltajjiin marii Magaalaa Finfinnee fi Maqaleetti gaggeeffamuu ibsaniiru.

Komishinichi erga hundeeffame eegale naannoo Tigraay hirmaachiisuuf murannoon hojjechaa turuus yaadachiisaniiru.

Adeemsi marichaa naannoolee birootti karaa bilisaa fi hirmaachiisaa ta’een gaggeeffamuu eeruun, waltajjiin marii bakka butoota naannichaa waliin taasifamuus haala walfakkaatuun kan gaggeeffamu ta’uu isaan qaamonni hundi akka hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.

Gizaacheew Girmaayeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.