Waltajjiin marii ajandaa walitti qabuu dhaabbilee federaalaafi waldaalee eegale
Finfinnee, Caamsaa 22, 2017(FMC) – Waltajjiin marii ajandaa walitti qabuu dhaabbilee federaalaafi waldaalee Magaalaa Finfinneetti eegaleera.
Waltajjicha haasawaan kan banan Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Piroofeessar Masfin Ara’aayaa, rakkoolee irratti waliin mari’achuun furmaata barbaaduu dhabuurraan kan ka’e rakkooleen ka’umsa waldhabdee ta’an barootaa barootatti darbaniiru jedhan.
Hirmaattonni yadota ijaarsaa Itiyoophiyaa bu’uura nagaa cimaarra ishee dhaabbachiisuufi waldhabdee mariin furuu dandeessisan dhiyeessuu akka qaban hubachiisaniiru.
Bu’aa qabeessummaa marii biyyaalessaaf muuxannoowwan gaggaarii biyyoota biroorraa fudhachuun hojjetamaa jiraachuus kaasan.
Humnoonni hidhataniifi maricharratti hin hirmaanne yaada waloon waliigaltee biyyaalessaa cimaa uumuuf gahee isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.
Waltajjiin marii ajandaa walitti qabuu dhaabbilee federaalaafi waldaalee booda naannoo Tigraayitti waltajjiin marii ajandaa walitti qabuu ni gaggeeffama jedhameera.
Boqonnaan marii ajandaa walitti qabuu har’a irraa eegalee guyyoota sadiif kan gaggeeffamu yoo ta’u Waldaaleen Siiviilii, Paartileen Siyaasaa, Barsiisonni, Dhaabbileen Amantaa fi Dhiibbaa Uumtonni waliigalaan dhaabbilee 38 irraa bakka buutonni 850 ol hirmaachaa jiru.
Adeemsa marii biyyaalessaan hanga ammaatti naannolee 11fi bulchiinsa magaalotaa 2 irraa sanadoonni ajandaa 13 gandoota kuma 1fi 120 walitti yoo qabaman hojiin hirmaattota sadarkaa biyyaalessaa adda baasuu xumurameera.
Yismaawu Adaraawuutu gabaase.