Fana: At a Speed of Life!

Waraana Baha Giddugaleessaa Addunyaa mudde…

Finfinnee, Bitootessa 25, 2018 (FMC) – Waraanni Baha Giddugaleessaa guyyoota 35 lakkoofsise addunyaa mudduu itti fufeera.

Waraanni Ameerikaa fi Israa’eel Guraandhala 28 Iraanirratti banan addunyaa raakaa jira.

Waraanni kun erga eegalee lubbuu lammiilee kuma 3 fi 600 wareegeera.

Namoota kuma 37 fi 606 miidhaa qaamaaf saaxiluu Al Jaziiraan gabaaseera.

Waraanni kun baatii tokko keessatti qofa miidhaa diinagdee biliyoonotaan lakkaa’amu qaqqabsiieera.

Ameerikaan waraana Iraan waliin gaggeessaa jirtuun guyyoota 34 keessatti Doolaara biiliyoona 38 baasuu ragaaleen kan agarsiisan ta’uu BBC’n gabaaseera.

Guyyaan Doolaara biiliyoona 1 ol baasaa kan jirtu yoo ta’u, guyyoota 6 keessatti qofaa Doolaara biiliyoona 11.3 baasuushee gabaase.

Waraanichi hanqina dhiyeessii boba’aa uumuun gatiin boba’aa daran akka dabalu taasiseera.

Sababa waraana kanaan gatiin shaqaxaalee daran dabaluu Dhaabbanni Nyaataa Mootummoota Gamtoomanii ibseera.

Baatii Guraandhaalaa fi Bitootessaa keessa gatiin Shaqaxaalee % 2.4 dabaluu BBC’n dhaabbaticha wabeeffachuun gabaaseera.

Itiyoophiyaatti illee sababa waraana kanaan gatiin boba’aa baatii tokko keessatti si’a lama dabaleera.

Gatiin Boba’aa Naafxaa Barmeela tokkoo waraanichaan dura Doolaara 80 ture amma Doolaara 230, Beenzilli Doolaara 70 ture 150 qaqqabeeara.

Naafxaa Adiin guyyaan Leetirri miiliyoonni 9.2 dhiyaachaa ture amma gara liitira miiliyoona 4.5tti gadi bu’uura.

Sababa kanaan meeshaaleen bu’uuraa tokko tokkorratti daballiin gatii mul’ateera.

Mootummaan haala addunyaarratti mudate tilmaama keessa galchuun tarkaanfiwwan sirreeffamaa fi murtoowwan garaagaraa fudhataa jira.

Dhiyeessii fi raabsa boba’aa hordofuu, tarkaanfii fudhachuu, dameewwan dursi kennamuufi qabu dursa akka argatu hojjetaa jira.

Keessattuu haala uumametti fayyadamuun daballiin gatii seeraan alaa akka hin taasifamne hordoffii fi to’annoo cimaa taasisaa jira.

Siifan magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.